Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatiin manneenii loltoota PP’n raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Murni abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa anatu bulchaa jira jechuun of dhaadu Bilxiginnaan, uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoonni isaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi qabeenya isaa ibiddaan jalaa barbadeessuu raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa iddoo addaa Dhagarbaa jedhamu irraa Sadaasa 19, 2024 ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Dabalaa jedhamu gara qe’ee isaa dhaquun maatii fi firoottan isaa duratti naasuu tokko malee gara jabina hamaadhaan rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan. 

Akka jiraattotni himanitti, namni ajjeefame kun abbaa ijoollee 2 ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa kunneen erga ajjeesanii booda reeffi isaa gara mana amantaa geeffamee akka hin awwaalamne dhorkuun, maatiin reeffa isaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti awwaallachuu dubbatu.

Kana malees ganduma kana iddoo addaa Garjoo jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa dararuuf bobbaafaman Sadaasa 18, 2024 nama maqaan isaa Boonsaa Gurmeessaa jedhamu jalaa mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun yoo guban, nama Adimaasuu Duulaa jedhamu jalaa ammoo qabeenya mana isaa keessa jiru guutumaa guutuutti saamuun mana isaas caccabsanii deemuu maddeen eeran.

Oduu hidhaan ammoo ganduma kana irraa guyyaama kana Sadaasa 18, 2024 namootni maqaan isaanii:

  1. Aadde Shibiree Tasammaa,
  2. Abbushaa Xilahuun,
  3. Mulaatuu Doshaa,
  4. Kabbadee Doshaa,
  5. Amoo Mulaatuu fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.
Exit mobile version