ONM-ABO Sadaasa 22, 2024
Gareen koloneel Abiy Ahimediin durfamuun ergamtoota isaanii gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti ammoo, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisaa kan jiru garboomfataan PP ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa gama isaaf danda’ame maraan hacuucuun rakkoo ulfaataa qaqqabsiisaa jira.
Kanuma irraa ka’uun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq keessatti loltoonni impaayera jiguu geesse tiksuuf garmalee dadhabaa jiran ganda Haroo Aagaa bakka addaa Baaqelaa jedhamu keessaa Sadaasa 17, 2024 akkuma amala isaanii duraatti hawaasa nagaa irratti dararaa hammeessuun maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkee namoota maqaan isaanii:
- Qannoo Gammachuu,
- Tolaa Baayisaa,
- Fantaa Baayisaa fi
- Maaramaa Fayisaa jedhaman balleessaa tokko malee ukkaamsuun reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu fi jiraattonni kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofne ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himan.
Loltoonni safuu fi naamusa waraanummaa hin qabne kunneen hawaasa nagaa dararuuf akkuma argan bobbaafamuun aanaadhuma kana ganda Dachaa Caabir bakka addaa Gooroo jedhamu irraa Sadaasa 18, 2024 nama maqaan isaa Obbo Nagarii Gaddafaa jedhamu jalaa mana jireenya isaa ibidda itti shiduun meeshaalee manaa hunda waliin barbadeessanii gubuun himamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaa Oromoo sobaan yakkanii rasaasaan lafa irraa haxaa’uun akka baalaatti harcaasaa jiran kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hiraarsaa raawwatan garmalee hammeessuun aanaadhuma kana ganda Ejersa Maccaa bakka addaa Wanxee jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Abdataa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda barbadeessuun maatii bakkeetti hambisuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

