ONM-ABO Muddee 21, 2024
Waraanni maafiyaan impaayerattii faayidaa dhuunfaa isaa qofa dursiifachuun hawaasa meesha maleessa irratti bobbaafamee rakkoo dinagdee, qaamaa fi qalbii geggeessaa kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti argaman irratti hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa jira.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa Muddee 15, 2024 irraa eegaluun lukkeeleen faashisticha Abiy Ahimediin bobbaafaman uummata dararaa kan jiran yoo ta’u, Sadaasa 7, 2024 immoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Adam Muummee,
- Obbo Ahimad Aalaa,
- Obbo Abdoosh Adam,
- Obbo Abraahimii fi namoota baay’inaan 30 ol ta’an gandicha keessaa ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, kanneen hidhaman kunneen maatii qabsaa’otaa ta’uun, maqaa ”ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; Waamaa galchaa” jechuun kan hidhan ta’uu dubbatan.

