ONM-ABO Fulbaana 4, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed ajaja qaama isaanii ol jiru irraa fudhataniin uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuu, hidhaatti darbachuu, ajjeesuu, saamuu, achi buutee dhabamsiisuu, akkasumas; gochoota suukkaneessoo adda addaa irratti raawwachuun gidiraa hamaa qaqqabsiisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti sobaan yakkamuun qabamanii waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararamaa kan turan hedduun yeroo ammaa kana achi buuteen isaanii dhabamsiifamuun himamee jira.
Waajjira Poolisii onichaatti namoonni 200 ol ta’an loltoota Bilxiginnaan sobaan yakkamuun ji’oota hedduuf garmalee dararamaa kan turan yoo ta’u, maanguddoota maqaan isaanii:
- Obbo Darajjee Gazzaanyi,
- Obbo Dhaabaa Oljirraa fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduun waajjira poolisii aanichaatii baafamuun achi buuteen isaanii dhabamsiifamuu namoonni dubbisuuf dhaqanii namoota kana waajjira poolisii aanichaatii dhaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Obbo Darajjeen ganda Guutee Amuumaa irraa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun hoggaa ukkaamfaman, Obbo Dhaabaan immoo ganda Cooraa Kanaaboo irraa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftee obaaste; hidhata qabda” jedhuun achi buuteen dhabamuu fi akka aanichaatti dararaan garmalee hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuu jiraattonni kun itti dabaluun ibsanii jiru.

