ONM-ABO Bitootessa 6, 2025
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa murni Bilxiginnaa tooftaa adda addaa uummachuun akka waan qabsaa’ota bosonaa galchuu danda’aniitti dubbii hundee hin qabneen holola tumaa kan oolan, gama biraan immoo maatii qabsaa’otaatti fuula deeffachuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiru.
Badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun “ilmaan keessan bosonaa galchaa” jedhamanii gandoota aanichaa hunda irraa maatii qabsaa’otaa gara jabinaan dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan isaanii:
- Obbo Kennasaa Baqqalaa ijoollee isaa 4 waliin,
- Aadde Suufee Gammadaa ijoollee daa’ima 3 waliin,
- Obbo Jorboo Gammadaa ilma isaa waliin,
- Jiraataa Nagaraa ijoollee isaa 3 fi haadha manaa isaa waliin,
- Obbo Suutumaa Bulaa ijoollee isaa 3 waliin,
- Obbo Adam Muummee intala isaa waliin kan hidhamanii fi
namoonni hedduun ji’oota 3 ol waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota kana keessatti maanguddoonni, daa’imman, haadholiin ulfaa, dargaggoonni, shamarranii fi abbootiin maatii jiraachisan danuun kan argaman yoo ta’u, maqaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira; dafaa galchaa”, yoo ijoollee keessan bosonaa galchuu diddan manuma hidhaa sana keessatti haftu jedhuun doorsisaa jiraachuun barameera.

