ONM-ABO Adoolessa 10, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu gandoota aanichaa cufa keessatti ergamtoonni murna Bilxiginnaa Adoolessa 8, 2025 irraa eegaluun ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromooti, bosonaa galchuu diddan maqaa jedhuun siyaasa uummata hin ilaallanneen firaa fi aantiiwwan akkasumas maatii qabsaa’otaa ukkaamsanii hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Taateen kun hawaasa aanichaa irratti raawwachuu kan eegale Waxabajjii 30, 2025 yoo ta’u, ganda Caancoo Qabbannaa’aa jedhamu keessatti uummatni hedduun maqaa kanaan hidhaatti darbatamanii jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’f addeessaniiru.
Akka jiraattonni ganda Caancoo Qabbannaa’aa ONM dubbise jedhanitti fuulduratti guyyaa murtaa’e daangessuun akka lakkoofsa impaayerattiitti hanga Waxabajjii 30, 2017’tti isin eegnaan Ijoollee keessan waraana bilisummaa Oromoo keessaa galchuu diddan jechuun jiraattota hedduu qabanii hidhuu fi dararaa jiraachuu dubbatu.
Dheebuun aangoo isaa daangaa kan hin qabne murni Bilxiginnaa dirree diimokiraasii dhiphisee sabootaa fi sab-lammoota impaayerattii keessatti argaman cunqursee bulchuun umurii isaa guutuu teessuma aangoo irra jiraachuuf kan hojjetu oggaa ta’u, sabboontota garbummaa sirnattii jibbuun hidhatanii qabsaa’an lolaan injifachuu dadhabnaan qabsaa’ota haqaa dirree irraa falmataniif jecha maatii isaanii irratti yakkoota gara jabinaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa irraan ga’aa jira.

