Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduutti gara jabeeyyii loltoota murna Bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa irratti saamichaa fi hidhaan jabaachuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Lixaa Shaggar aanaa Jalduu ganda Caancoo Qabbanna’aatti gaafa Muddee 20, 2025 waraanni faashistiin Bilxigginnaa kanneen hammeenyummaan jireenya isaanii mara golgee jiru loowwan maatii qabsaa’otaa gandichatti walitti qabanii gara bulchiinsa magaalaa aanichaatti fudhatanii yoo galan; muraasa ammoo qalatanii akka nyaatan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Uummanni saamichi irratti raawwatame kunneen sababa ilmaan keessan WBO keessaa galchuu dhiistan, ni tumsitu, odeessa caasaalee keenyaa hordoftanii itti himtuu fi ilaalcha kanneen biroon akka yakkanis itti dabaluun ibsaniiru.

Oduu biraatiinis aanichuma keessatti maatiin qabsaa’otaa fi sabboontonni ilmaan Oromoo danuun deggersa paartii Badhaadhinaaf gochaa hin jirtan sababa jedhuun dhibbootaan bulchiinsa aanichaatti hidhamanii gidirfamaa kan jiran oggaa ta’u, rakkoo loltoonni guyyuu irratti taasisaa jiran dheessuun gariin ammoo qe’ee gadhiisanii badaa akka jiranis ibsameera.

Kana malees doorsisni caasaalee Bilxiginnaan irratti hammaatee akka jirus odeessi gamasii nu qaqqabe kan ifoomsu oggaa ta’u, hanga ilmaan keessan galchitanitti boqonnaa fi tasgabbii hin qabdan jechuun gidirsaa akka jiranis itti dabaluun addeesseessaniiru.

Exit mobile version