ONM-ABO Sadaasa 14, 2024
Afaaniin nagaa labsaa hawaasa meesha- maleeyyii irratti gochoota farra namoomaa garaa garaa raawwachaa kan jiru murni shiftaa Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo jumlaan hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan ji’a darbe keessa Onkoloolessa 21, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caffee Bisil jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Seefuu Guutaa,
- Dabalee Mul’ataa,
- Maammush Abbabaa,
- Qorichoo Nigaatuu,
- Shimallis Caalaa,
- Geetuu Seefuu,
- Taaddee Girmaa,
- Nadhaa Haayiluu,
- Bojaa Goffaa fi ilma isaa Nuunnuu Bojaa kanneen jedhaman maqaa “ilmaan yookaan obboleeyyan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun badii tokko malee mana hiraarsaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa qaama kamiiyyuu kan hin qabnee fi dhimma isaan hin galchine dhimma nama birootiif gaafatamoo taasifamaa jiraachuu himuun, waraanni sirnichaa gandoota kanneen akka: Fittee, Haroo Leemmoo, Magaalaa Olonkomii fi Ejeree Nagawoo jedhaman keessattis uummata nagaa irratti dararaa hammeessanii jiraachuu itti dabaluun eeraniiru.

