Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu akkaan jabaate

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Torbanoota darban keessa bilxiginnaan kaabinoota ishee magaalota godinaalee Oromiyaa garaa garaa irratti waltajjii waamuun marii dhoksaa geggeessaa turuu yeroo darbe  isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Kanumaan wal qabatee dhimmi marii isaanii inni ijoon maatii qabsaa’otaa qe’ee fi qabeenyaa irraa godaansisuu kan jedhu ta’uun ibsameera.

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-qixxee keessatti hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu akkaan jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Aanaa Meettaa Wal-qixxee ganda Dhaloota Wal-qixxee jedhamu keessaa Onkoloolessa 13, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Girmaa Dhaabaa,
  2. Tasfaayee Shifarraa,
  3. Iddeechaa Mul’ataa,
  4. Asheetuu Kibiratee jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa loltoota sirnichaan ukkaamfamuun waajjira poolisii aanaa Meettaa Wal-qixxeetti gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen namoota nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’anis, ergamtoonni bilxiginnaa garuu maqaa “ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jedhuun hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version