Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan keessan bosonaa galchuu diddan jechuun maatii qabsaa’otaa hidhaatti yoo guuran, ONM’f odeessa laattu jechuun bilbiloota harkaa jiraattota onichaa irraa saamaa jiru

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Maqaa ilmaan keessan bosona jiran galchuu diddanii fi ni nyaachiftu jedhuun guutuu Oromiyaa keessatti maatii qabsaa’otaa hidhaa ajjeesaa fi doorsisaa kan jiru murni Bilxiginnaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessattis maatii qabsaa’otaa dararuu jabeessanii itti fufaniiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Saden Makkannaa Araddaa Lallabaa irraa Amajjii 14, 2025 milishoonni sirnichaa maatii qabsaa’otaa abbaa fi ilma kan ta’an maanguddoo ganna 70 olii Obbo Aliyyii Umar Wadoo fi ilma isaanii Huseen Aliyyii Umar Wadoo kanneen jedhaman maqaa ilma keessan bosona jiru galchuu diddan jedhuun garmalee reebanii magaalaa Sanbatee waajjira poolisiitti hidhanii gidirsaa akka jiran jiraattotni gandichaa dabaluun ibsaniiru. 

Maanguddoon biyyaa fi ilmi isaanii milishoota sirnichaan reebamuun hidhaman kunneen yakka dalaganiig osoo hin taane maqaa ilma keessantu miseensa WBO’ti jedhu qofaan kan yakkaman ta’uu jiraattotni himuun, milishoonni sirnichaa kunneen aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Saden Makkannaa dabalatee gandoota aanichaa cufa keessaa maqaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf odeessa laattuu fi WBO soortu jedhuun maatii qabsaa’ota aanichaa irraa bilbila guuraa akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version