ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Aanaa Cawwaaqaa gandoota adda addaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa gara jabina guddaa ta’een maatii qabsaa’otaa fi hawaasa nagaa lakkoofsaan hedduu ta’an hidhaatti darbachuun garmalee dararaa jiraachuu fi qarshii gurguddaa gaafachuun saamanii gadi dhiisaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM’tti himan.
Waajjira Poolisii aanichaatti namoonni maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun ji’a Sadaasaa keessa kan ukkaamfaman yeroo ammaa kana immoo addatti dararamaa kan jiran jiraattota ganda Caffee Magartuu kanneen maqaan isaanii:
- Iluu Mahaammad,
- Adam Muusee,
- Siraajoo Muusee,
- Saartuu Adam,
- Muummee Huseen,
- Umar Muusee,
- Raadoo Shabboo fi
kanneen biroo hedduun garmalee hiraarfamaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan kunneen itti dabaluun eeranii jiru.
Namoonni kunneen maatii qabsaa’otaa ta’uu himuun siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii irraa “ilmaan keessan warra bosona jiran galchaa!; yoo galchuu diddan asuma keessatti dhumtu, galuu hin yaadinaa” jechuun akka yeroo yerootti doorsisa adda addaa irraan gahaa jiran addeeffameera.

