Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa mana hidhaatti doorsisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 31, 2024

Ergamtoonni Bilxiginnaa yaaddoo fi sodaa guddaa teessoo siyaasaa isaaniif waan qabaniif yeroo adda addaatti maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun uummata Oromoo doorsisuu hanga ajjeechaatti hiraarsaa jiru.

Aanaa Daaboo Haannaa fi aanaa Cawwaaqaatti torban darbe keessa maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti darbachuun “ijoollee keessan bosona jiran torban tokko gidduutti harka mootummaatti hin galchitan yoo ta’e, duguugnee dachee kanarraa isin balleesina ittiin jedhan. Dabaluunis nu waliin goonkumaa jiraachuu hin dandeessan. Biyya irraa isin godaansisna” jechuun aanaalee lamaan irraa maatii qabsaa’otaatti dhaadachaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaalee lameen irratti hidhaa, reebichaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun jabaatee jiraachuu fi yeroo ammaa kana jiraattonni egeree jiruuf jireenya gara fuulduraa isaaniif yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uus maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Exit mobile version