ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane akkuma jedhamu sana murni bilxiginnaa waraana dirree irraa isa lolu dheessuun gad deebi’ee hawaasa nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne maqaa ilmaan keessan miseensa WBO ta’uun nu fixaa jiru jedhuun gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun maatii qabsaa’otaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi manneen irratti gubuu cimsanii itti fufaniiru.
Akkaatuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Hijirootaa keessatti Hagayya 30, 2024 hidhattootni faashistii PP milishaa fi raayyaa ittisa Impaayerattii jechuun of waaman barii barraaqaan qe’ee jiraattotaa ganda Hijirootaatti marsuun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin dargaggoo maqaan isaa Siraaj Ahimed jedhamu madeessuun obboleessa isaa kan ta’e Muusaa Ahimed waliin qabanii hidhuu jiraattotni gandichaa dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraataan gandichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himutti dargaggoon madaa’e Siraaj kan jedhamu kun badii qabaateef osoo hin taane maatii qabsaa’otaati jechuun ganama konkolaataa 2’n qe’ee isaaniitti marsanii mana isaaniitti boombii darbachuun isa madeessanii obbolaa isaa waliin yoo hidhan, qabeenyaa isaanii loon dabalatee hedduu mancaasanii isaan hidhuun, maatii isaanii ammoo qe’ee irraa ari’uu namni maqaan isaa akka tuqamu hin barbaanne kun dabaluun himeera.
Oduu biraatiin ammoo godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Hiddaa keessatti Hagayya 29, 2024 WBO’n loltoota murna bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhatee du’aa fi madoon kan adabe yoo ta’u, sababa kanaanis waraanni faashistii PP of booda deebi’uun manneen maatii qabsaa’otaa kan ta’e mana Mahaammad Hasan Muusaa fi kan maqaan nu hin geenye jalaa mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin waliin gubanii barbadeessanii jiraachuu maddeen addeessaniiru.

