Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti hidhattoota sirnichaan maatiin qabsaa’otaa ukkaamfamuu, reebamuu fi saamamuun daran jabaatee itti fufe

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024 

Uummanni Oromoo mirga ofiin of bulchuu erga sarbamee qaama impaayerattiin bara dhufaa darbaa adamfamee manneen hidhaatti guuramuu, saamamuu fi ajjeefamuun hiree isaa ta’eera.

Sabni Oromoo hanga ammaatti filannoo haqa qabeessa keessatti hirmaatee mootummaa diimokraatawaa filatee kan hin beekne yoo ta’u, waggoottan ja’an murni bilxiginnaa maqaa Oromoo dha’achuun gara aangoo impaayerattiitti dhufanis kan Sirnoota darbanii caalchisuun loltoota isaa gara jabeeyyii qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasuun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun uummata nagaa ajjeesanii awwaalcha dhorkachuu, ukkaamsanii hidhuu fi saamanii harka duwwaatti hambisuu, akkasumas qe’ee irraa buqqisuun bulchiinsa bilxiginnaa keessatti baratamaa ta’eera.

Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa keessatti Onkoloolessa 11, 2024 waraanni faashistii PP fi milishoonni sirnichaa wal makuun ganda Misrataa, Doodhoo fi Qabballee keessatti bobba’anii namoota hedduu reebuun yoo hidhan saamicha qabeenyaas jiraattota irratti rawwataniiru.

Namoonni nagaan mindeeffamtoota Koloneel Abiy  Ahimed garaa ishee qofaaf deemtu Onkoloolessa 11, 2024 qabaman kunneenis muraasni maqaa  arganne: ganda Misrataa irraa Kamaal Bashiir Siraaj, obboleessa isaa Umar Bashiir Siraaj abbaa isaanii fi obboleettii isaanii shamarree Fooziyaa jedhamtu dabalatee walumaa galatti maatii tokko keessaa namoota afur reebanii hidhuun ibsameera.

Onkoloolessa 11, 2024 ganda Doodhoo keessaa dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Umar jedhamu qabanii reebuun yoo hidhan, guyyaadhuma sana hidhattootni murna bilxiginnaa kun ganda Qabballee keessaa Hasuu Umaree nama jedhamu jalaa qotiyyoo cimdii tokko saamanii qalatanii nyaachuun isas reebanii  mana hidhaatti darbatanii gidirsaa jiraachuu maddeen ONM’f gabaasan.

Jiraattotni nagaan hidhattoota sirnichaan garmalee reebamuu, saamamuu fi ukkaamfamuun hidhaman kun qonnaan bultootaa fi abbaa maatii yoo ta’an, gartuun kaayyoo nam-tokkee tiksuuf ifaajju kun maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun sobaan yakkanii gochoota dabaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa akka jiran ibsameera.

Exit mobile version