Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP Arsii Bahaa Aanaa Doddotaa keessatti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti miidhaa garaa garaa geessisaa jiraachuun barame

ONM-ABO Ebla 1, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa keessatti maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti miidhaan kanneen akka hidhaa, saamicha, manneen gubuu, ajjeechaa fi kanneen biroon haalaan jabaatee itti fufee jiraachuu kan dubbatan jiraattoonni, gochoonni badii murnichaa guutuu aanichaa keessatti raawwatu uummaticha yaaddoo ulfaataa keessa galchee jiraachuus gabaasan.

Duguuggaa sanyii Oromoota irratti geggeessuuf hidhatanii kan bobbaafaman jaleewwan murna PP garaa isaaniif malee uummata  irraa dhalataniif kabaja hin qabne, teessoo abbaa irree tiksuuf lubbuu fi qabeenya ilmaan Oromoo barbadeessaa jiraachuu yeroo addaa addaatti isiniif gabaasaa akkuma turre taateen tibbana onichatti jiraattota irratti raawwatamaa jiru itti fufuun waraanni maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun bobbaafamaa jiran manneen jiraattotaa jumlaan gubuu fi qabeenyaa hedduus akka saaman ibsameera.

Tiksitoonni impaayerattii gara jabinaa fi hammina malee kabajaan ilma namaa irraa hin calaqqisne goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaa kan oolan qe’ee ilmaan Oromootti duuluun guyyuu maqaa garaa garaan sarbamiinsa mirga namoomaa raawwachaa jiraniin jiruu fi jireenyi uummata nagaa barbada’aa oola.

Exit mobile version