ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Aanaa Daaboo Haannaa gandoota aanichaa hunda keessatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa fi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu jabaachuun, dargaggootaa fi abbootii manaa malee shamarranii fi harmooliin maqaan isaanii:
- barattuu Saartuu Adam,
- Faamiyaa Jamaal,
- Aadde Maarifaa Maammadee,
- Aadde Gaaddisee Baqqalaa,
- Aadde Bultuu Oljirraa,
- Aadde Nuuriyaa Adam,
- Aadde Suufee Gammadaa fi kanneen biroo hedduun ji’oota hedduuf hidhamanii dararamaa jiraachuun ifoomeera.
Aadde Bultuun jaartii ganna 67 yoo ta’an, Aadde Suufeen daa’imman 3 waliin, Aadde Maarifaan daa’imman 2 waliin kan hidhamanii fi Saartuun immoo, aanaa Cawwaaqaatti barattuu kutaa 10’ffaa akka taate yoo himamu, sarbamni shamarranii fi harmoolii maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamaa jiru kan daangaa darbe ta’uun eeramee jira.
Jaleewwan sirnichaa afaaniin “qorannu malee hin hiinu; shakkiin hin to’annoo jedhanis umuriin namootaa waggaa 18 ol ta’uu qaba” jechaa gama kaaniin ammoo, daa’imman umuriin isaanii xixiqqoo ganna 10 gadi ta’an, kanneen maqaan isaanii:
- Miidhaksaa Kennasaa fi
- Raahel Kennasaa dabalatee
daa’imman ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduun sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun waajjira poolisii aanichaatti haadha isaanii waliin hidhamanii nyaata dhabanii, dhukkuboota adda addaaf saaxilamanii rakkoo dhandhamaa jiraachuun ifoomeera.

