ONM-ABO Muddee 23, 2024
Waraanni maafiyaan impaayeera Itiyoophiyaa ilmaan Oromoof rifaatuu tokkollee hin qabne Oromiyaa bakkoota maratti maatii qabsaa’otaa irraan dararaa hamaa ga’aa jiraachuun ibsameera.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Hannaa ganda Ifabaas Coreetti Muddee 21, 2024 namoota maqaan isaanii Caaltuu Adam, Fatiyaa Adamii fi haadha isaanii Haliimaa Aliyyii maanguddoo ganna 65 hidhuun waajjira poolisiitti hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Bifuma walfakkaatuun aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaattis Aadde Fooziyaa Yaayyaa kan jedhamtu daa’imman ishee lama waliin qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

