• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa fi Daaboo Haannaatti dararaa, saamichaa fi hidhaan waraana impaayerattiin daran hammaate

Dec 23, 2024

ONM-ABO Muddee 23, 2024  

Waraanni maafiyaan impaayeera Itiyoophiyaa ilmaan Oromoof rifaatuu tokkollee hin qabne Oromiyaa bakkoota maratti maatii qabsaa’otaa irraan dararaa hamaa ga’aa jiraachuun ibsameera.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Hannaa ganda Ifabaas Coreetti Muddee 21, 2024 namoota maqaan isaanii Caaltuu Adam, Fatiyaa Adamii fi haadha isaanii Haliimaa Aliyyii maanguddoo ganna 65 hidhuun waajjira poolisiitti hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Bifuma walfakkaatuun aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaattis Aadde Fooziyaa Yaayyaa kan jedhamtu daa’imman ishee lama waliin qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading