ONM-ABO Muddee 15, 2024
Loltoonni impaayera Itiyoophiyaa bakka saayinsiin waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne namuma hunda irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Muddee 9, 2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa irraa waraanni nama nyaataan impaayerattii namoota maqaan isaanii Aadde Buurkee Beenyaa fi Baqqalaa Firoo jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi deggertu” jedhuun lafa isaan midhaan haamanii haamtuu midhaanii waliin ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu himu.

