Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Bara Oromoo ta’anii dhalachuu qofti yakka ta’etti goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni sirna nama nyaataan mootummaa abbaa irree loltoonni Abiy Ahimed sabboontota ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan yakkuun mana hiraarsaatti darbachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Horroo Bulluq bulchiinsa magaalaa Saqalaa ganda 01 irraa maqaa adda addaa itti maxxansuun jiraattota hidhaatti guuraa kan jiran loltoonni Bilxiginnaa Muddee 2, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Saalii Bashir,
  2. Dhaabaa Lammeessaa,
  3. Abdiisaa Birruu,
  4. Fayyeeraa Kabbadaa,
  5. Habtaamuu Tamasgeen,
  6. Taarikuu Tolasaa,
  7. Taayyee Tolasaa,
  8. Darguu Mararaa,
  9. Darajjee Abdiisaa fi 
  10. Gonfaa Duuffisaa jedhaman badii tokko malee hidhuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni dirqamaan maqaa “milishaa taatu” jedhuun qabaman baay’inni isaanii kanneen 32 ol ta’an magaalichaa qabamanii hidhaman keessaa harki caalaan maanguddootaa fi dhukkubsattoota ta’uu dubbatu.

Exit mobile version