Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun jiraattota irratti reebicha raawwatan

ONM-ABO Muddee 18, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee dhabuun, qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchineen hawaasa nagaatti afaan qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa geggeessaa jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa Igguu bakka addaa Daallee jedhamu irraa loltoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobbaafaman qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Namee Goobanaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan iddoo 5 rukutuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu jiraataan gandichaa tokko ONM’f gabaasee jira.

Akka jiraataan kun himetti, “Obbo Nameen ganama osoo iddoo ooyiruu isaa dhaabatuu ‘ati Waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhufaa jirta’ jechuun rasaasa itti kan roobsan yoo ta’u, namni kun harka qalleessaa fi abbaa maatii saddeetiidha” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.

Ganduma kana keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa gara jabina hamaan dararaa ulfaataa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, namoota maqaan isaanii Obbo Margaa Tolanii fi Misgaanaa Tolanii jedhaman “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun reebicha hamaa ta’e irraan gahuun jiraattonni kunneen miidhaa ulfaataan du’aa fi jireenya gidduu kan jiran ta’uus jiraataan gandichaa kan biraan ONM dubbise himee jira.

Exit mobile version