ONM-ABO Amajjii 12, 2025
Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuun qe’ee Oromootti gadda uwwisuu itti fufee jira.
Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa torban lamaan dura gara jabeeyyiin loltoota faashistii bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdii Alii jedhamu ofitti waamanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Akka maddeen jedhanitti, Obbo Abdallaan abbaa ijoollee 9 kan ta’ee fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu himuun, qonnaan bulaa kana lukkeeleen Bilxiginnaa erga ajjeesanii booda “Waraana Bilisummaa Oromootu ajjeese jennee uummatatti himna” jechuun wal mari’ataa turuu isaanii dubbatu.

