ONM-ABO Amajjii 16, 2025
Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaan waliin jiraatu gosaan qoqqooduun tokkummaa ilmaan Oromoo diigaa jiru.
Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa Amajji 12, 2025 gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa qonnaan bultoota Oromoo gandicha keessa jiraatan gosaan qoqqooduun “ati gosa abaluufaati; abalu immoo Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun namoota hedduu irratti reebicha ulfaataa ta’e raawwachuun kaanis hidhaatti guuraa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Akka maddeen jedhanitti, sababa gosa qabsaa’otaa ta’aniif qofa nama Mahaammad Alii jedhamu garmalee reebuun, Zaaraa Mahaammad kan jedhamtu immoo hidhaatti darbatanii kan jiran ta’uu himu.
Namoonni kun lameen siyaasa kam keessaayyuu hirmaannaa kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

