Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii keessatti loltoonni Bilxiginnaa uummata jumlaan ukkaamsuun mana hidhaatti guuruu fi gosaan qoqqoodee wal lolchiisaa jiraachuu jiraattonni eeran

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Abiy Ahimed gara jabeeyyii loltoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun, ajjeechaa, hidhaa, saamicha fi gubaatii manneeni akkasumas i hawaasa gargar qoodanii walitti buusuu kenneefi uummata keessa bobbaase kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa dhoorkitee hiraarsaa kan jirtu yoo ta’u, Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsii ganda Basaaquu Ilaalaa iddoo addaa Magaalaa Basaaquu ganda 01 keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun hawaasa jumlaan mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Namoota haala kanaan qabamuun murtii tokko malee mana hidhaatti hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaa nu qaqqabe:

  1. Tiyyuu Haaji Abdallaa,
  2. Kajaawoo Haaji Abdallaa, 
  3. Muhammad Haaji Abdallaa, 
  4. Sadiq Haaji Abdallaa,
  5. Musxafaa Waatoo,
  6. Abdullee Waatoo, 
  7. Aabbee Baboo, 
  8. Dhaqqabii Suutaa, 
  9. Fayyisaa Godaanaa, 
  10. Qaasim Haajii Abdallaa 
  11. Kaliilaa Sheek Kadir, 
  12. Badhaatuu Haajii Agayyuu kanneen jedhamaniidha.

Kana malees ergamtootni Bilxiginnaa uummata aanaadhuma tokko keessa jiraatu ijoollee gosa tokkootu WBO keessa jira yoo isin duutan isaantu isin ajjeesise jechuun walgahii irratti dhiyeessuun qaama murni Bilxiginnaa waliin hojjatu warreen gosa biraa ta’aniinis yoo nuti ilmi keessan duune gumaa gosa sana irraa kaffaladhaa kan isaaniitu bahee waraanaan as keessa deemaa jira jechuun gosa Waageeda jedhamu fi Barbaachoo jedhamu walitti buusuuf yaalaa kan jiran ta’uus dabalataan jiraattonni ifoomsanii jiru.

Gosti Waageeda jedhamu kun baay’inaan maatii qabsaa’otaa yoo ta’an akka waan isaan ilma isaanii ergataniitti hawaasa fudhachiisanii lola kaayyoo PP fi WBO gidduutti godhamu kan gosa taasisuuf tattaafachaa jiru.

Exit mobile version