ONM-ABO Hagayya 17, 2025
Hagayya 14, 2025 Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee ganda Mararoo Hawwiloo jedhamu keessatti maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun uummata nagaa irratti meeshaa gurguddaa dhukaasanii mana keessaa baqachiisuun, gariin ammoo mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota haala kanaan mana hidhaatti gidirfamaa jiran keessaa muraasni kan maqaan nu qaqqabe:
- Juulaa Kurkee,
- Tibbeessoo Burqaa,
- Milkeessoo Kadir,
- Maashinii Yayyituu,
- Abbush Gaalii,
- Dharoo Abbuu maanguddoo umrii 80,
- Shubbee Huseen,
- Roobduu Girboo fi
- Fayyinee Kamil kanneen jedhamaniidha.
Haaluma wal fakkaatuun Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Dambaqaa Garjellee jedhamu keessatti hawaasa nagaa badii tokko malee reebanii mana isaanii keessaa baasuun maallaqa irraa guuruu fi hedduu isaanii immoo qabanii mana hidhaa magaalaa Abboomsaa keessatti hiraarsaa kan jiran ta’uu jiraattonni eeranii jiru.
Namoonni bifa kanaan loltoota aangoo nam-tokkee tiksuuf jecha oliif gadi dhamaatuun butamanii hiraarfamaa jiran kunneen maqaan isaanii:
- Tolaa Daggafaa,
- Abbirree Mangistee,
- Gurmee Gammadaa,
- Aagaa Gadaa,
- Gammachuu Amiiroo fi
- Qachaa Badhaadhaa kanneen jedhaman yoo ta’an,
Arsiima Bahaa aanaa Siree ganda Ufuraa Agamsa jedhamu keessatti halkan walakkeessa hawaasa mana cabsanii itti seenuun irriba irraa weerarsanii reebaa turuun, namoota tokko tokko immoo yeruma sanatti tuutaan mooraa waraanaa keessatti dararaa jiru.
Namoota mooraa waraanaatti dararamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu gahe:
- Saadaa Umar,
- Amiituu Adaam,
- Suudii Baadhoo fi
- Misba’uu Ahimad yoo ta’an,
namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa kan ta’anii fi warra jireenya dhuunfaa isaanii jijjiirachuuf jecha halkanii fi guyyaa hojii isaanii hojjetan akkasumas uummata keessatti kan jaallataman ta’uu isaanii jiraattonni dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

