ONM-ABO Caamsaa 10,2025
Kaleessa Caamsaa 9, 2025 goolessitoonni Abiy Ahimed aanaa Shaashamannee ganda 10 iddoo addaa Aleeluu jedhamu keessatti uummata jumlaan mana hidhaatti guuruun maallaqa humnaa olii gaafachuun saamicha jabaa irratti geggeessaa kan jiru oggaa ta’u, namoota kanattis qarshii 100,000 – 500,000’tti itti muruun waan isaan hin qabneen gidiraa hamtuu agarsiisaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Namoota baay’inaan 16 ta’an qarshii hanga jedhan kana irraa fudhachuun kan gad dhiisan oggaa ta’u, isaan keessaa kan maqaa arganne Obbo Daawwit Qawweettii kan jedhaman irraa qarshii 400,000 fudhachuun kan gad dhiisanii fi kan hin qabne ammoo mana hidhaa sana keessatti rakkoo jajjabduun irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni onichaa ONM’tti himan.
Kana malees maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun jumlaan namoota akka hidhanii jiran kan addeessan maddeen, isaan keessaa nama umuriin isaanii 65 kan maqaan isaanii:
- Obbo Badhaasoo Baantuu jedhaman ijoollee shamarranii isaanii lama kan maqaan isaanii
- Daraartuu Badhaasoo fi
- Alamiituu Badhaasoo jedhaman waliin hidhanii dararaa jiru.

