Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Boosatitti murni Bilxiginnaa uummata badii malee hidhan, maallaqa kaffalchiisuun hidhaa irraa hiikaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat  gandoota adda addaa irraa uummata nagaa maqaa garaa garaa itti moggaasuun mana hidhaa galchaa turan, Adooleessa 7, 2025 adabbii hidhaatiin alatti maallaqa isaan kafaluuf humna itti hin qabne itti murteessuun dirqamaan irraa funaanuun hidhaa irraa hiikaa jiraachuu maddeen naannichaa ONM’tti himaniiru. 

Namoota haala kanaan maallaqa kaffaluun hidhaa irraa hiikaman keessaa kan maqaan nu qaqqabe:

  1. Gammadaa Dureessaa qarshii 1,500,
  2. Milkii Tonkoluu qarshii 3000,
  3. Daggafaa Gadaa qarshii  4000,
  4. Nugusee Sambatoo qarshii 4000,
  5. Musxafaa Kadir qarshii 5000,
  6. Ifaa Baqqalaa qarshii 5000,
  7. Araddoo Sambatoo qarshii 1500, 
  8. Tufaa Badhaadhaa qarshii 1500,
  9. Faantuu Jimaa qarshii 1000  fi
  10. Daggafaa Maammoo qarshii 4000 kaffaluun  kanneen hiikamanii jiran ta’uu maddeen ibsaniiru. 

Aanaadhuma Boosat naannawaa magaalaa Boolee ganda Qaawwa Haraa jedhamu keessattis Adooleessa 8, 2025 namoota nagaa badii malee “deggertoota  WBO’ti jedhamuun hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Amaanaa Goobanaa,
  2. Qulfoo Guutoo,
  3. Zubee Mohaammadii fi 

kanneen biroo hedduu akka ta’an maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Dhiibbaa siyaasaa impaayerattii keessatti gaggeefamaa jiruun  impaayeerattiin kufaatii diinagdee hamaa keessa galtee kan jirtu yommuu ta’u, uummata nagaa badii malee yakkuun mana hidhaatti darbatanii maallaqa humnaa olii irraa funaanuun gadhiisuu akka madda dinagdeetti dhimma itti bahaa akka jiran beekamee jira. 

Exit mobile version