ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025
Sababoota garaa garaan uummata hiraarsuu kan adeeffatan ergamtoonni murna Bilxiginnaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Jaarsoo Liyyaa keessaa uummata jumlaan qe’ee irraa qabuun hidhanii gidirsuun, gariin ammoo maallaqa harkaa saamuun hiikaa jiru.
Namoonni hidhamuun qarshii kaffalanii hidhaa irraa hiikaman kunneen maqaan isaanii:
- Obbo Tamasgeen Fiixee haadha warraa isaa fi mucaa isaa waliin hidhamuun qarshii 40,000 kaffalee gadi dhiifame,
- haadha warraa Obbo Gujee ilma ishee Dinqaa Gujee waliin hidhamuun qarshii 40,000 kaffaltee baate,
- Obbo Fiqaaduu Kabbadaa qarshii 40,000 kaffalee ba’e,
- Obbo Hirkoo Abdiisaa qarshii 30,000 kaffalee ba’e,
- Asfawuu Tarfaasaa qarshii 20,000 kaffalee ba’e.
Kana malees maatiin qabsaa’otaa danuun hidhamuun hiraarfamaa akka jiranis beekameera.
Jaleewwan sirnichaa gandicha keessatti dararaa ulfaataa geggeessaa jiran kunneen maqaan isaanii; Dagguu Mootii dhimma nageenyaa gandichaa, Lataa Tolasaa bulchaa gandichaa fi Malkaamuu Gammachuu kanneen jedhaman ta’uun eeramee jira.

