Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti murni bilxiginnaa maallaqa uummataa saamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Yeroo itti uummanni ona Baddannnoo gargarsa barbaadaa jiranitti murni ani mootummaadha ofiin jedhu, saamtoota isaa hawaasa keessa bobbaasee jiruu fi jireenya hawaasatti hadheessaa jira.

Ona Baddannootti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratu waraanni saamtuu impaayera Itoophiyaa, “gatii buusaa gonofaa kaffalaa” jechuun nama tokko irraa qarshii 500-1000 erga guuranii booda itti dabaluun, “kaffaltii Raayyaa Ittisa impaayeerattii” jedhanii qarshii dhibba shan-shan dirqamaan kaffalchiisaa jiraachuu maddeen keenya himan.

Namoota maqaan isaanii: Abdallaa Deeynii, Ahimad Muummee, Jaabir Jamaalii fi  Abaadir Suufiyaan kanneen jedhaman uummata nagaa sababa tokko malee hidhuun hidhamtoota irraa qarshii 3000 irraa fudhatanii hiikaa kan jiranii fi kanneen hanga jedhame kaffaluu didan immoo manuma hidhaa sana keessa tursiisaa jiraachuu jiraattonni onichaa ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version