Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee ona Baddannootti ergamtootni impaayera Itoophiyaa jiraattota hidhuu fi saamuu itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Sirni cunqursaan impaayera Itoophiyaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun olaantummaa abbaa irrummaa isaa uummata meesha maleessa irraan miidhaa ulfaataa qaamaa fi qabeenyaa irratti geessisaa kan jiru yommuu ta’u, godina Baha Harargee ona Baddannootti murnoonni bilxiginnaa waliin ta’uun uummata hidhaatti guuruun qabeenya isaanii saamuu itti fufanii jiraachuun ibsame.

Araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti mindeeffamtootni sirnicha suphuuf ifaajan, Waxabajjii 27, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Jamaal Ibraahim Sayid,
  2. Obbo Ariif Mohaammad Ibraahimii fi 
  3. Obbo Naziir Mohaammad Abiroo kan jedhaman badii tokko malee reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’uun, yeroo ammaa kana miidhama qaamaa isaan mudateef hospitaalatti yaalamaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Araddichuma irraa milishaan PP Abdallaa Ibraahim jedhamu nama maqaan isaa Obbo Shakur Muusaa Maammoo jedhamuun “qarshii 500 kaffali” jechuun dirqamsiisee afaan qawween  reebicha hamaa irratti hoggaa raawwatu, Obbo Shakur immoo “akkanaan jiraachuun jiruu naaf hin taatu” jechuun tarkaanfii ofirratti fudhachuuf yommuu inni of rarraasu, osoo lubbuun isaa hin darbin uummanni itti dirmachuun lubbuu isaa baraaruu dubbatu. 

Onuma kanatti irra deddeebiin maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu uummata irraa guuraa kan turan, Waxabajjii 28, 2024 bulchiinsa magaalaa Furdaa jedhamu keessatti uummata humnaan dirqamsiisuun qarshii 1,000 guuraa turuun eeramee jira.

Ergamtootni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa hin beekne gandoota adda addaa irraa barsiisotaafi namoota hedduu “hidhata WBO qabdu” jechuun torban darbe keessa aanichuma irraa kan qabanii hidhan yoo ta’u,  isaanis: 

  1. B/saa Girmaa Guutamaa Abdataa, 
  2. B/saa Ibsaa Jamaal Alii,
  3. Mahaammad Ibraahim,
  4. Ibsaayyee Abdullaa,
  5. Aliyyii Usmaan,
  6. Sharaf Mohaammed Sayid
  7. Shaafii Mahaammadii
  8. Mohaammad Kamaal
  9. Aliyyii Amiinaa Dooyyoo
  10. Afiiz Sayid Abdullaa
  11. Naasir Ahimad Umar jedhamanii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an qabuun Waajjira Poolisii onichaatti dararaa kan jiran yoo ta’u, namoota hedduu immoo magaalaa Dirre Dhawaatti geessuun hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya ibsaniiru.

Exit mobile version