ONM-ABO Bitootessa 14, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii Kenfii Qarbaachoo jedhamu keessatti waraanni PP yeroo garaa garaatti maatii qabsa’ootaa fi sabboontota irratti saamicha geggeessaa jiraachuun beekameera.
Namoota maqaa adda addaa itti maxxansuun saaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Obbo Habiib Fufaa jalaa hoolota 11,
- Ilma isaanii jalas loon 7,
- Bulchuu Imaanaa jalaa hoolota 5,
- Obbo Haashim jalaa qarshii 200,000 saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduu hidhaatiin ammoo namootni badii malee mana hidhaattii dararamaa jiran maqaan isaanii:
- Nasirallaa Tarreessaa mooraa Waabaraatti,
- Abdulmannaan Pixaaroo fi
- Hiikaa Pixaaroo mooraa Gunfiitti kan hidhaman yoo ta’an,
namootni kunneen maqaa obboleessa keetu maallaqa isin bira kaa’e jedhuun hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu isaanii jiraattonni ONM’tti himan.
Bulchiisni abbaa irree Abiy Ahimed waggoota 7’n darban kana addatti uummata Oromoo yakkaa fi tuqtuqaa siyaasaa kamiyyuu keessaa qooda hin qabne sababa Oromummaa isaanii qofaan maqaa garaa garaa itti maxxansuun saamicha, qe’ee irra buqqisuu, hidhaa jumlaa fi ajjeechaa suukkanneessaa geggeessuu itti fufee jira.

