• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti waraanni goolessaan PP uummata nagaa irratti saamicha, qe’ee irraa buqqisuu fi hidhaa raawwachuu itti fufan

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii Kenfii Qarbaachoo jedhamu keessatti waraanni PP yeroo garaa garaatti maatii qabsa’ootaa fi sabboontota irratti saamicha geggeessaa jiraachuun beekameera.

Namoota maqaa adda addaa itti maxxansuun saaman keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Habiib Fufaa jalaa hoolota  11,
  2. Ilma isaanii jalas loon 7,
  3. Bulchuu Imaanaa jalaa hoolota 5,
  4. Obbo Haashim jalaa qarshii 200,000 saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Oduu hidhaatiin ammoo namootni badii malee mana hidhaattii dararamaa jiran maqaan isaanii:

  1. Nasirallaa Tarreessaa mooraa Waabaraatti,
  2. Abdulmannaan Pixaaroo fi
  3. Hiikaa Pixaaroo mooraa Gunfiitti kan hidhaman yoo ta’an, 

namootni kunneen maqaa obboleessa keetu maallaqa isin bira kaa’e jedhuun hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu isaanii jiraattonni ONM’tti himan.

Bulchiisni abbaa irree Abiy Ahimed waggoota 7’n darban kana addatti uummata Oromoo yakkaa fi tuqtuqaa siyaasaa kamiyyuu keessaa qooda hin qabne sababa Oromummaa isaanii qofaan maqaa garaa garaa itti maxxansuun saamicha, qe’ee irra buqqisuu, hidhaa jumlaa fi ajjeechaa suukkanneessaa geggeessuu itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading