• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo irraa milishoonni sirnichaa 2 meeshaa waliin WBO’tti harka kennatan

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Bilxiginnaan loltoota isaa shakkii guddaa irraa qabaachuun erga mooraa keessatti tiksuuf dirqamee bubbulus, kanneen saba isaaniif quuqama qaban carraa argataniin mooricha keessaa meeshaa isaanii fudhachuun gara WBO’tti harka kennachuu cimsanii itti fufanii jiru 

Bifuma kanaan Bitootessa 12, 2025 godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo keessaa milishoonni 2 qawwee AKM 2 fi rasaasa 120 qabatanii ba’uun Bitootessa 13, 2025 WBO bira gahuu ajajaan WBO naannnichaa beeksiisee Jira. 

Miseensonni milishaa duraanii kunneen simannaa waraanni bilisummaa Oromoo taasiseefittti hedduu gammaduun kabajaa fi jaalalli akkasumas simannaa WBO’n nuuf godhe kan eegneen olitti argineerra jechuun yaada isaanii ibsatanii jiru.

Itti dabaluun milishoonni kunneen sirna uummata Oromoo halkanii fi guyyaa dararuun waan barbaade saamee ajjeesu hin tumsinu jechuun, mooricha keessas walii galteen kan hin jirree fi warreen achi keessatti hafanis baay’inaan gara WBO’tti harka laattachuuf haala mijeeffachaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Leave a Reply