ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru murni nama nyaataan PP goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun waraana isaa dhiiga dheebote bobbaasuun hawaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuu kan durii caalaatti jabeessee itti fufee jira.
Aanaa Begii ganda Gabaa Kamisaa jedhamu irraa Onkoloolessa 28, 2024 waraanni maafiyaan impaayerattii namoota maqaan isaanii:
- Zaakir Sholdaa,
- Zaakir Abdullakiim,
- Boonaa Tasfaa fi
- Mujaahid Jamaal jedhaman badii tokko malee qe’ee fi qabeenya isaanii irraa ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’an illee, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhanii dararaa kan jiran ta’uu himuun, wayita ammaas aanichatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa daran hammaachuun ajjeechaan akka feeteen guyyaa guyyaan jiraattota irratti raawwatus jabaatee jiraachuun ibsameera.
Itti dabaluun torbee darbe jiraataa Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Faanaa kan ta’e dargaggoo Wangeeluu Dabalaa Yaadataa kan jedhamu dargaggeessa umurii 21 waraanni faashistii PP qabuun bakka addaa Gaara-Booyyeetti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Kana malees ganda Eegoo Girmoos keessaa abbaa maatii kan ta’e Obbo Abdallaa Mohaammad Wiixataa sa’a 4:00 keessa bakka addaa Aci’oo (naannoo Teelee) jedhamutti ajjeesanii gatuun beekameera.
Oduu saamichaan walqabatuun ammoo aanaadhuma Begii ganda Eegoo Girmoos keessaa Wiixataa fi Kibxata darbe Onkoloolessa 27 fi 28, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Mohaammad Ha’uzeen jalaa sa’a 1,
- Siraaj Gaduubaa sa’a 1,
- Takiluu Sirneessaa sa’a 1 yoo saaman, ganda Abshaalaa Dinqaa irraa ammoo:
- Obbo Bantii jalaa sa’a 2 fudhachuun mi’a mana keessaa guutummaatti caccabsanii balleessuun ifoomeera.
Dabalataanis:
- Kadir Ahimed jalaa sangaa 1, hoolota 2 fudhachuun mi’a mana keessaa jalaa caccabsan,
- Nuuraddiin Likkaasaa jalaa sa’a 4 fi hoola 1,
- Ibraahim Huseen jalaa sa’a 2,
- Duulaa Waaqjiraa jalaa sa’a 6,
- Allamiin Goobanaa dukkaana cabsanii qabeenya jalaa saamuunii fi ganda Haci’oo Hordaa irraa ammoo
- Masgabuu Alamuu jalaa sa’a 6 fi mi’a mana keessaa guutummaatti saamanii akka deeman jiraattonni ONM’tti himaniiru.

