Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa reebuu fi jumlaan mana hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufan 

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Murni badee balleessaan impaayerattii kan dantaa uummataa hin qabne barcuma isaa tikfachuuf jaleewwan isaa kutaalee Oromiyaa garaa garaatti bobbaaasee maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun ilmaan Oromoo hirmaannaa fi hidhata tokko waliin hin qabne hiraarsuu itti fufuun, godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Angoo-Dachee iddoo addaa Hulaa jedhamu keessaa hawaasa nagaa irratti reebicha ulfaataa raawwachuun mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Akka maddeen naannichaa ibsanitti reebichaa fi hidhamuu hawaasa nagaaf ka’umsa kan ta’e sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’u Waxabajjii 4, 2025 tarkaanfii laalessaa isaan irratti fudhateef jecha gara uummataatti as deebi’anii “isintu nu  lolchiise” jechuun Waxabajji 7, 2025 uummata nagaa reebuu fi mana hidhaatti guuranii maallaqa irraa saamuun cinatti qarshii hanga gaafatamtan yoo kaffaluu diddan isin ajjeesna jechuun mana hidhaa keessatti doorsisaa jiraachuus maddeen dabaluun ONM’f eeraniiru. 

Namoota haala kanaan hidhamanii dararamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Nashaa Amaan,
  2. Aliyyii Kamaal,
  3. Sayyidaa Siraajoo,
  4. Jawaaroo Abdee,
  5. Muhaammad Gannaa fi 

kanneen biroo ammaaf maqaan nu hin qaqqabne hedduu hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, gara fuulduraattis hawaasa hunda gandicha irraa funaannee ni hiina jechuun dhaadachaa fi maallaqa qawwee WBO’n nu irraa hiikkate nuuf kaffaltu jechaa jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni addeessa.

Exit mobile version