Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti murni garboomfataan PP uummata jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Murni abbaa irree Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa hunda keessatti hawaasa nagaa hiraarsaa jiru Gurraandhala 2, 2025 aanaa Jajuu ganda Shaanbadoo keessatti maqaa WBO wajjin hariiroo qabdu jedhuun namoota nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruun reebaa  jiraachuun ibsameera. 

Haaluma kanaan namoota maqaan isaanii:

1. Abdulsammad Abduljaabbar,

2. Madiinaa Alitoo,

3. Allee Gannaa,

4. Amiinaa Sayidaa,

5. Tolaa Sudii,

6. Tajuu Bayyanoo,

7.  Wanduu Huseen,

8.  Arabee Sudii,

9.  Madiinaa Xaahir kanneen jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni aanichaa gabaasan.

Kana malees Guraandhala 4, 2025 aanaa Jajuu ganda Habulee Muka Gurraachaa iddoo addaa Qillisaa jedhamu keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hariiroo qabdu jedhuun Obbo Sulxaan Aliyyoo nama jedhamu mana jireenyaa isaa meeshaa guutuu waliin abiddaan gubanii jalaa kan barbadeessan yoo ta’u, obboleessi fi haati isaas erga hidhamanii ji’a 9 lakkoofsiisaniiru.

Ganduma Habulee Muka Gurraachaa keessatti namoota erga bultii ijjaarratanii baatii tokko hin guunne, Madiinaa Aliyyoo fi Muddiin Kadir kanneen jedhaman qabanii mana hidhaatti galchuun dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun gabaasan.

Exit mobile version