Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti murni Bilxiginnaa badii tokko malee uummata jumlaan mana hidhaatti guuraa jira

ONM-ABO Adoolessa 13, 2025 

Murni garboomfataan afaan qawween uummata ukkaamsee bulchaa jiru Bilxiginnaan Adoolessa 8, 2025 aanaa Jajuu ganda Gurree Xabbinoo jedhamu keessaa qonnaan bultoota jireenya isaanii gaggeeffachaa jiran mana isaanii irraa walitti funaanuun reebicha hamaa irratti raawwachuun, gaaffii tokko malee jumlaan mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Namoota hidhamanii jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe: 

  1. Muudaasir Ammaan,
  2. Maammad-Saadiq Kamaal, 
  3. Mahaammad Siraaj,
  4. Aliyyii Saiyd,
  5. Muusaa Abbaas,
  6. Kennoo Amaan fi
  7. Abbaas Mohaammed kanneen jedhamaniidha.

Namootni kunneen yeroo ammaa haala yaaddessaa keessa kan jiran yoo ta’u, waqtii itti midhaan oomishanitti qonnaan bultoota kanneen hidhuun uummaticha beelaan rukutuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu isaanii mul’isa kan jedhan jiraattota gandichaati.

Exit mobile version