Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti loltoonni Bilxiginnaa namoota nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Tiksitootni impaayera Itoophiyaa kufaatiin kallattii cufani isaanii muudate dandamachuu dadhabuun hawaasa guutuu gocha shororkeessummaa irratti raawwataa kan jiran Muddee 28, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Soqee Boqichaa keessatti qonnaan bultoota nagaa jumlatti mana hidhaatti guuruu, reebuu fi qabeenya isaanii saamaa kan turan ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti ibsaniiru. 

Namoonni haala kanatti loltoota kanaan ukkaamfamanii mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiran muraasa ka maqaan nu gahe:

  1. Hasuu Dhaduu,
  2. Muusaa Hasuu,
  3. Faqoo Dhaduu 
  4. Abdurrahuuf Faqoo,
  5. Aamiin Faqoo,
  6. Zamad Jeyiluu,
  7. Abdurramaan Faqoo,
  8. Sheek Amiin Haji Amaan,
  9. Mahaammad Jimaa,
  10. Abidda Mahaammad,
  11. Hamzaa Huseen kanneen jedhamaniidha.

Kana malees gandichi keessatti oomisha hawaasni bara kana walitti qabatee mana isaatti galfatee jiru konkolaataa fidanii fe’achaa fi namoota hedduus adamsanii qe’ee keessaa baqachiisaa akka jiran jiraattonni ONM tti himaniiru.

Exit mobile version