ONM-ABO Mudde 9, 2023
Akka jiraattotni godinaa Arsii bahaa aanaa Jajuu jedhanitti waraanni maafi’aa PP aanicha keessatti uummata nagaa irratti dararaa raawwachuu itti fufeera jedhan.
Guyyoota laman darbee jechuun Muddee 06, 2023 qabee ummaata nagaa ajjeessuu, hidhuuf mana irratti gubaa jiraachuu ibsan.
Aanuma Jajuu gandaa Sinbixee Fincoo jedhamu keessatti namoota 15 hidhuu fi namoota 2 mana irraa gubanii jiru.
Namoota hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne; Gannaa Qaasim Muusaa, Ahimed Rubee Hajoo, Siraaj Mahaammad Huseen, Allaamuddiin Siraaj Muhammad, Muraad Siraaj Muhaammad fi Ahimed Muhaammad Huseen mana hidhaatti kanneen guuraman keessa jiru.
Awaal Qaasim Muasaa fi Ziyaad Qaasim Muusaa jalaa ammoo manneen sadii gubuun qabeenya mana keessaa fudhatanii deeman.
Haaluma wal fakkaatuun ganda iiguu keessatti waraani PP nama nagaa rasaasaan dhahuun fi namoota 10 mana hidhaatti guraanii jiru.
Nama maqaan isaa Abdul- Kariim Amaan Boruu jedhamu mana isatti fudhanii rasaasaan erga rukutanii booda waraanni faashistii PP maatiin isaa gara mana yaala akka hin geessine dhorkuun hanga kaleessa Muddee 8tti maatiin yaaddoo keessaa jiraachu jiraattonni dabaluun ibsaniiru.
Kana malees barattoota 4 mana hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun mana barumsaa keessaa qabuun mana hidhaatti kan galchaan yoo ta’u, barattootni kunneen Wandii Abdiir, Iliyaas Abdiir, Tamaam Huseen fi Mahaammad Kadiroo ta’uun barameera.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti aanaa Jajuu keessa Oromoo ta’anii socho’uun akka ulfaatee fi badii tokko malee namoota irratti tarkaanfii fudhachaa akka jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

