Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti humni waraana maafiyaa PP manneen namoota nagaa ibiddaan barbadeessuu itti fufan

OMM-ABO Adooolessa 2, 2024

Loltoonni impaayera  Itoophiyaa sirna bututaa deebisanii utubuuf halkanii fi guyyaatti ergama kaabinoota irraa fudhatanii uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, qabeenya isaanii saamuuf ibiddaan barbadeessuu akkasumas gocha gara jabummaan aadaa fi safuu hawaasaa dhabamsiisuun hojii itti ta’e manneen namootaa jumlaan barbadeessaa  jiru.

Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 30, 2024 uummata nagaa isintu WBO nu lolchiise jechuun aanaa Jajuu gandoota kanneen akka Hurutaa-Doree fi Soqee Boqichaa irraa osoo qabeenya tokko keessaa hin baafatin manneen 400 ibiddaan barbadeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii gubate keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe 

1. Shaafii Hajii Abdul-Manaan

2. Nuurii Abdallaa

3. Sheek Kamaal Sheek Jamaal 

4. Sulxaan Kamaaloo

5. Jibriil Gabii

6. Ibraahim Tukee

7. Abdulmajiid Gabii

8. Maammad-Nuree Gabii

9. Kaliil Gabii

10. Kadiroo Kaliil

11. Ahimed Hajii Abdallaa

12. Adam Hajii Abdallaa

13. Siraajoo Hajii Abdallaa

14. Huseen Hajii Abdallaa

15. Qaasim Jamboo

16. Jamaal Jamboo

17. Jamaal Hajii Jamaal

18. Jibriil Jamaal

19. Kaalid Mahaammad

20. Muusaa Awwaloo

21. Masinoo Tamumaa fi kanneen biroo hedduu irraa manneen isaanii qabeenya mana guutuu   wajjin barbadeessanii jiru.

Yeroo manneen hawaasaa kanneen irra deemtanii  gubdanitti yoo namoonni maal balleesssinee manni keenya gubata jedhanii gaaffii isin gaafatan namoota sana qabaa gara mana hidhaatti dhiyeessaa jechuun waraana gocha badii kanaaf bobbaasaniif qajeelfama kennuun barameera.

Exit mobile version