Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saassiggaa keessatti waraanni weerartu Bilxiginnaa manneen jireenyaa, qabeenyaa fi midhaan dabalatee ibiddaan gubanii barbadeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa bakka addaa Shombololee jedhamu keessatti gaafa Amajjii 14, 2026 waraanni faashitii PP uummata nagaa tuttuqaa siyaasaa kamirraa bilisa ta’an jala manneen jireenyaa, qabeenya mana keessaa fi midhaan bakka tokkotti qabame jiru ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

‎Namoota manni jireenya isaanii jalaa gubate keessaa kan maqaa isaanii arganne:

  1. ‎Obbo Biraanuu Dhaabaa fi 
  2. ‎Obbo Qalbeessaa Gammachuu 

kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota midhaan isaanii bakka tokkotti qabamee jala gubate kanneen maqaan isaanii arganne:

  1. ‎Obbo Tigiree Dinagdee kan jedhamu jalaa midhaan hektaara 1 irra walittii qabame 
  2. ‎Obbo Mizgaanuu Mulaatuu kan jedhamu jalaa midhaan hektaara 1 irra walittii qabamee fi 
  3. ‎Obbo Dabalaa Moosisaa jalaas midhaan hektaara 1 ibidda itti shiduun barbadeessuu maddeen himaniiru.

Murni Bilxiginnaa qaala’insi jireenyaa fi kufaatii dinagdee akka guutuu impaayera Itoophiyaatti mudatee jiru kanatti dabaluun qabeenya xiqqaa hawaasicha harka maqaa sobaa fi daba itti maxxansuun kaan saamaa fi kaan immoo ibiddaan gubanii barbadeessuun gocha cigaasisaa fi gara jabummaan guutame adeemsisaa jiru.

Exit mobile version