Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti waraanni faashistii PP manneen jiraattotaa ibiddaan gubanii barbadeessuun ibsame 

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa bakka addaa Dafinee jedhamutti Bitooteessa 9, 2025 halkan keessaa toora sa’atii 9:00’tti mana jireenyaa Obbo Dastaa Axinaafuu bananii itti seenuun loltoonni garboomfataan PP abbaan warraa mana kanaa eessa deeme jechuun gaafatanii isa manaa dhabnaan mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin ibiddaan gubuun barbaddeessanii deeman.

Kana malees aanaadhuma kana ganda Biiftuu Sajjii iddoo addaa Gultii jedhamutti mana jireenyaa Obbo Kadir Shibbiruu midhaan ardaba 30 waliin ibiddaan gubanii barbaddeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti namoonni kunneen hawaasa biratti kabajaa fi jaallatamummaa kan qaban yommuu ta’an, sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun gochi suukkanneessaan dhala namaaf hin mallee kun  irratti raawwatame jechuun ONM’tti himanii jiru.

Murni abbaa irree barcuma aangoo siyaasa isaa dheereffachuuf jecha namoota shiraa fi daba isaa irratti dammaqan gocha suukkanneessaa kanneen akka ajjeechaa jumlaa, gudeeddaa, gubaatii manneenii fi qabeenya adda addaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun isaa ni yaadatama.

Exit mobile version