ONM-ABO Fulbaana 25, 2023
Sabboontotni ilmaan Oromoo jireenyaan of danda’anii akka hin jiraanne gochuuf manaa fi qabeenya irratti gubuu, saamuu fi hidhuu akkasumas ajjeessuun kan beekamu murni bilxiginnaa, godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti manaa fi qabeenyaa qonnaan bultootaa ibiddaan barbadeessanii jiru.
Fulbaana 23, 2023, waraanni Bilxiginnaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Goossanii Baabboo Uggaa Hordaa bakka jedhamutti mana jiraattotaa, ilmaan keessantu miseensa WBO ti jechuun kan gube yoo ta’u, Obbo Tashoomaa Dabalaa jalaa manaa fi qabeenyaa mana keessa ture waliin, Obbo Abarraa Caalii jalaa ammoo baabura midhaan daaku lamaa fi mana jireenyaa maatii isaanii afur gubanii deemuu jiraattonni dubbataniiru.
Ilmaan keessantu hidhatee bosona keessaa nu lolaa jira jechuun qabeenyaa qonnaan bultoota kanaa kan barbadeessan ta’uu kan himan jiraattotni, dabballoonni fi waraanni sirnichaa aanaa Waamaa Hagaloo irra jiran, sabboontota akka malee dararuu akka hammeessanii jiranis dabaluun ibsaniiru.

