Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti manneen qonnaan bultootaa afur waraana faashistii PP’n gubachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gossaanii Kiillootti waraanni garboomfataan PP Sadaasa 13, 2024  qonnaan bultoota lama manneen isaanii 4 qabeenya waliin jiru hundumaas osoo maatiin keessaa hin baafatin ibidda itti shiduun gubanii deemuunis himameera.

Abbootiin qabeenyi isaanii jalaa gubate maqaan isaanii Obbo Shifarraa Dheeressaa fi Obbo Hambisaa Dhufeeraa yoo ta’an, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen haaloo baafannaa humni ittisaa Waraana Bilisummaa Oromoo lama humnoota kaadiree sirnichaa irratti Wiixata darbe tarkaanfii irratti taasisaniin rifaatuu keessa seenuu irraan akka ta’es jiraattonni ONM’f himaniiru.

Humni Ittisaa Waraana Bilisummaa Oromoo abdii fi utubaa qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun lubbuu isaanii qaalii hacuuccaa fi cunqursaa sabichaa ta’anii ilaalurra tarkaanfii guggubduu fudhachuun kan beekaman, Sadaasa 11, 2024 ganda Gossaanii Kiilloo keessaa humnoota waraana gabroomfataa PP buufattee jirtu irratti tarkaanfii fudhataniin qawwee lama irraa hiikkatanii jiraachuun barameera. 

Bu’uuruma kanaanis lukkeeleen Bilxiginnaa mana maatii dargaggoota kanaa deemuun qabeenya maatii sanaa guutummaatti manneen afuris ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessan jechuunis jiraattonni himaniiru.

Exit mobile version