Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti qonnaan bultoonni lama loltoota Bilxiginnaan ajjeefaman

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Goosanii Baabboo jedhamu irraa Waxabajjii 13, 2025 loltoonni Bilxiginnaa kanneen aangoo teessuma namtokkee tiksuuf dhama’an qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Dhugaasaa Qalbeessaa jedhamu halkan mana isaatii gadi baasuun badii tokko malee rasaasa itti roobsanii haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gandichuma irraa Waxabajjii 14, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Taayyee Guuttataa jedhamu mana hidhaa waajjira poolisii aanichaa keessaa baasuun haaluma wal fakkaatuun ajjeesanii gatuun ibsamee jira.

Akka maddeen himaniitti, qonnaan bultoonni kunneen hidhata dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu, isintu Waraana Bilisummaa Oromoo fidee kaabinoota keenya ajjeesisa” jechuun haala suukkaneessaa ta’een lamaanuu ajjeesanii bakkeetti gatuu dubbatu.

Akka aanichaatti, maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun saamicha ulfaataa irraa eegalee hanga ajjeechaatti gidiraan hawaasa meesha maleessa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun baramee jira.

Exit mobile version