ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti maqaa adda addaa itti maxxansuun saamichaa hanga ajjeechaatti dararaa ulfaataa irratti geessisaa jira.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Lookootti Waxabajjii 3, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ayyaanaa Waaqumaa jedhamu badii tokko malee “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun galgala keessaa naannoo sa’atii 3:00’tti rasaasa itti roobsanii haala nama suukkaneessuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Loltoonni uummata nagaan hojii idilee isaa irra jiru dararuu qofaaf bobbaafaman kunneen qonnaan bulaa kana mana jireenyaa isaa keessaa ukkaamsuun gara jabina guddaan rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuus ONM odeeffateera.

