Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo keessatti hidhaan Haadholii irratti jabaachuutu himame 

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2023

Akkuma seeraa fi aadaa Oromoo keessatti ilaalchi haadholiif namni qabu guddaa yoo ta’u, murna bilxiginnaa biratti garuu, dubartootni mirgi isaanii sarbamuun waraanni sirnichaa naasuu tokko malee dhiibbaa jajjaboo irratti raawwachuun hiraarsaa jiru.

Bifuma kanaan godina Wallagga bahaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gossanii Baabboo keessatti torbee tokko dura waraanni maafi’aa PP mana obbo Eebbisaa Caalii, Biraanuu Abbayyaa fi Beenyaa Galataa deemuun maatiin kun waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun abboota warraa manaa dhabanii haadha manoota isaanii humnaan ukkaamsuun mana hidhaatti galchuu jiraattotni dubbatan.

Haadholiin Yakka malee qabamuun torban tokkoo oliif hiraarfamaa jiran kunneen Daamuu Waaqtolaa, Biraanee Taaddasaa fi Shaggituu Shoraa kanneen jedhamanii yoo ta’u, haalli isaan mana hidhaa keessatti irra jiranis ulfaataa ta’uun himame.

Exit mobile version