ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Buttujjii Qarsoo jedhamu keessatti gaafa Amajjii 11, 2026 waraanni shiftaa PP nama maqaan isaa Shallamaa Ayyaanaa jedhamu badii tokko malee deggeraa WBO’ti jechuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni himanitti, waraanni shiftaa PP dargaggoo Shallamaan nama tuttuqqaa siyaasa kamiyyuu hin qabne deggaraa WBOti jechuun ajjeesanii, namoota maqaan isaanii:
- Misgaanaa Addunyaa fi
- Nagaash Lammeessaa
jedhaman ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni Bilxiginnaa dhiiga qulqullootaa dhangalaasuu aadeeffachuun golee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee afaan qawween ukkaamsuun ajjechaa suukkanneessaa irratti raawwatee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun ni beekama.

