Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti hidhaan murna Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Gareen nageenya hawaasaa booressuun boqonnaa isaaf kennu Bilxiginnaan, lola impaayerattii keessatti geggeeffamaa jiruun sodaa barcuma aangoo dhabuu malla jedhu irraan kan ka’e guyyuu tooftaalee garaa garaa kalaquun waraana isaa safuu fi ooda uummataa hin qabne akkasumas, naamusa waraanummaa homaa tokkollee hin kabajne bobbaasuun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi yakkoota adda addaa hawaasa meesha maleeyyii irratti raawwachiisaa jira.

Haaluma kanaan Waxabajjii 23, 2025 waraanni sirna dhableeyyiin impaayera Itiyoophiyaa Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda Goossanii Baabboo jedhamu keessatti jiraattota hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’anii jiran irratti badii tokko malee meeshaa dhukaasuun ukkaamsanii hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota haala kanaan qabamanii hidhaman keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga’e: 

  1. Obbo Biraanuu Asmaraa fi ilma isaanii 
  2. dargaggoo Abdii Biraanuu yoo ta’an, 

kanneen maqaan hin eeramnes hedduu ta’uun ifoomee jira.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii seeraa raawwatanii osoo hin taane, murni afaan qawweetiin hawaasa nagaa cafaqee bulchuu barbaadu kun guutummaa aanichaa keessatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuu fi “kaffaltii gibiraa kaffaluu diddan” jedhuun sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun mana hidhaatti guuraa, saamaa akkasumas, sarbamiinsa mirga namoomaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version