Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed mana jireenyaa qonnaan bulaa tokkoo ibiddaan gubanii barbadeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Sirni abbaa irree Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufatti gochoota seenaa fi seeraan isaan gaafachiisu jabeessanii itti fufuun gidiraa hamtuu keessa jiraattota galchanii jiraachuun barameera.

Muddee 30, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Baqalee Girrisaa bakka addaa Odaa Jarii jedhamutti waraanni faashistiin PP nama maqaan isa; Obbo Dagaagaa Dabalee jedhamu jalaa mana jireenyaa qabeenya keessa jiru guutuu waliin ibidda itti shiduun barbadeessuu fi haadha warraa isaas qabuun waajjira poolisii magaalaa Maqiitti hidhuun dararaa jiraachuun beekameera.

Akka ONM jiraattota irraa adda baafatetti Obbo Dagaagaan jaarsa biyyaa quuqamaa fi aantummaa sabaa qabu ta’us, gochoota inni quba hin qabne maqaa ati seelii Waraana Bilisummaa Oromootii fi hojiilee diigumsaa taasisaa jirta jedhuun sobaanis akka yakkame  jiraattonni  ifoomsaniiru.

Kana malees onicha keessatti waraanni maafiyaan PP jiraattota guyyoota gabaa daandii gubbaatti qabuun maqaa kaffaltii Inshuraansii fayyaa fi gibiraan saamuus jabeessaniiru.

Exit mobile version